Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni waliigaltee hidha haaromsaa irratti fayyadamummaa waliinii bu’uura godhachuun waliigaluu danda’u qabu – IGAD

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Biyyoonni waliigaltee hidha haaromsaa irratti fayyadamummaa waliinii bu’uura godhachuun waliigaluu danda’u qabu – Hojii Raawwachiisaa IGAD
Barreesaa Olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaaf (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoo waliigaltee hidha haaromsaa Ityoophiyaa irratti Ityoophiyaa fi Gibts fayyadamummaa waliinii bu’uura godhachuun waliigalteerra ga’uu akka qaban ibsaniiru.
Barreesaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo barruu Istuutniik Raashiyaa waliin gaaffii fi deebii taasisaniin akka ibsanitti Ityoophiyaas ta’ee Sudaanii fi Gibts karaa sodaa keessa hin galchineen waliigalteen akka furatan dhaamaniiru.
Bara Faranjootaa 2016 hanga 2019tti Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa ta’uun kan tajaajilaan Doktar Warqinaa Gabayyoo waliigalteen malee wanti furamuu danda’u tokko akka hin jirre kaasaniiru.
Waliigalteen ministeerootaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts adeemsisaa turan adda cituu akka hin qabne eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.