Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota 10 Covid-19 akka biyya isaanii hin seenne dhorkuu danda’an

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Biyyoota 10 Covid-19 akka biyya isaanii hin seenne dhorkuu danda’an.

Vaayrasiin koroonaa addunyaa hunda jechuun hanga danda’amutti biyyoota addunyaarratti tattamsa’eera.
Biyyoonni 10 garuu Covid-19 irraa bilisa.
Hoteelli Palaa’uu bara Faranjoota 1982 baname. Biyyi xiqqoon tun Garba Guddaa Paasifikiin kan marfamte yoo ta’u, tuuristoonni hedduus ishee daawwatu.

Bara Faranjoota 2019tti biyyattiin daawwattoota 90,000 kan simatte yoo ta’u, lakkoofsi kunis lakkoofsa ummata biyyattii harka shaniin caala.

Bara Faranjoota 2017tti turizimiin oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) biyyattiif %40 gumaacheera jedha Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF). ta’us, sun Covid-19 dura.

Biyyattiin dhuma ji’a Bitootessarraa jalqabdee daangaashee cufteetti.

Biyyattiinis biyyoota miseensa guutuu Dhaabbata mootummoota Gamtoomani ta’an biyyoota 10 Covid-19 irraa bilisa ta’an keessaa ishee tokko.

Palaa’uu vaayirasicharraa bilisa taatus sababa weerara koronaavaayirasiitiin hubamteetti.

Hoteelli Palaa’u erga Bitootessaatii cufaadha. Isa qofa miti, manneen nyaataa, suuqonnis cufaadha.

Biyyoota namoota Covid-19 qabaman hin qabne kunneen:

Palaa’uu
Maayikirooneezhiyaa
Odoloota Marshaal
Na’uuruu
Kiriibaatii
Odoloota Salamoon
Tuvaaluu
Samoo’aa
Vaanu’aatuu
Toongaa

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.