Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota namoonni vaayrasii koroonaan qabaman keessatti hin argamne

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) –Vaayrasiin koroonaa Chaayinaa ka’uun torbee muraasa keessatti biyyoota addunyaa hedduu waliin ga’eera.
 
Biyyoota addunyaa 188 keessatti muul’ateera.
 
Hanga guyyaa kanaatti namoonni miiliyoonni 13 ol vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 78 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Yaa ta’uutii vaayrasiin kun hanga ammaatti biyyoota tokko tokko keessatti kan hin muul’anne ta’uu ibsameera.
 
Biyyoota galaanan marfaman hedduu keessatti vaayrasichi kan hin muul’anne ta’uu eerrameera.
Haaluma kanaan
1. Kiiriibaatii
2. Maarshaal Ayislaand
3. Naa’uuruu
4. Kooriyaa Kaabaa
5. Paalaa’uu
6. Saamoo’oo
7. Sooloomoon Ayislaand
8. Toongaa
9. Tuurkimeeniistaan
10. Tuuvaaluu
11. Vaanuu’atuu fi
12. Mootummaan Federaalaawaa Maaykirooneeshi’aa hanga ammaatti vaayrasichi keessatti kan hin muul’annee ta’uu beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.