Fana: At a Speed of Life!

Biyyootiin qajeelfama ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra oolchaa hin jiran -Dr Teediroos

Finfinnee, Adoolessa 7,2012(FBC)- Biyyootiin qajeelfama ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra oolchaa hin jiran jedhan daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom.

Biyyootiin addunyaa qoqqobbii sochii kaa’anii turan salphisaa dhawaata kaasaa jiru.

Sanaan booda weerarri vaayrasichaas dabalaa dhufuu gabaasni ni muul’isa.

Dooktar Teediroos ibsa kaleessa laataniin akka beeksisanitti, biyyootiin qajeelfamoota ittisaa kaa’aman hojiirra oolchaa akka hin jiraatin ibsaniiru.

Sababii kanaan weerarri vaayrasii koroonaa babal’ataa dhufuu ibsaniiru.

Qajeelfamoota ittisaa hojiirra oolchuu dhabuun, vaayrasicha yeroo gabaabaatti to’achuun akka hin danda’amne taasisa jedhan.

Addunyaa miidhaa fayyaa, hawaasummaa fi diinagdee jabaa keessaa baasuuf qajeelfamoota kaa’aman hojiirra oolchuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.