Fana: At a Speed of Life!

Boordichi hanga ammaatti filattoonni miiliyoonni 36 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 45 ol kaardii filannoo fudhachuu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 7, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa ragaa lakkoofsa galmee filattoota yeroo ifoomseera.

Hanga ammaatti filattoonni miiliyoonni 36 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 45 fi 444 kaardii filannoo fudhachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa ibseera.

Filattoota kaardii filannoo fudhan keessaa miiliyoonni 19 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 50 fi 147 dhiiroota yoo ta’an, miiliyoonni 16 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 45 fi 114 ammoo dubartoota ta’uu himeera.

Akka ragaan boordichi har’a ifoomse muul’isuutti naannoo Oromiyaatti filattoonni miiliyoonni 15 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 38 f 213, magaalaa Finfinneetti filattoonni miiliyoonnii 1 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 51 f 790 kaardii filannoo fudhataniiru.

Akkasumas naannoo Amaaraatti filattoonni miiliyoonnii 5 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 66 f 662, Naannoo Kibbaatti filattoonni miiliyoonnii 4 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 54 f 588 kaardii filannoo fudhachuu isaanii ragaan Fuula Boordichaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.