Fana: At a Speed of Life!

Boordichi kaadhimamtoota filannoo dhuunfaa 148f deeggarsi Birrii kuma 50 akka laatamu murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa kaadhimamtoota filannoo dhuunfaa 148f deeggarsi Birrii kuma 50 tokkoon tokkoo isaaniif akka laatamu murteessuu beeksiise.
Kaadhimamtoota dhuunfaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi naannoleef dorgaman 148f deeggarsi Birrii kuma 50 tokkoon tokkoo isaaniif akka laatamu murtaa’uu Gorsituun Kominikeeshinii Boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.
Boruu eegalee duula nu filadhaa gaggeessuun kan hin danda’amne ta’uu ibsaniiru.
Yaa ta’uutii guyyoota hafan keessa adeemsa sagaleen itti laatamu,kaardii filannoo, waraqaa sagaleen ittiin laatamurratti Miidiyaaleen gabaasa hojjechuu kan danda’an ta’uu kaasaniiru.
Filannoon walqabatee odeeffannoowwan sobaa akka hin tatamsaane dhaabbata feesbuukii waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.