Fana: At a Speed of Life!

Boordichi koorniyaa idileessurratti waldaalee siiviilii waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) –Boordiin Filannoo Biyyaaleessa qorannoo biyyaalessaa sirna koorniyaa idileessuurratti waldaalee siiviilii waliin marii taasiisaa jira.
Boordichi filannoo biyyaalessaa marsaa 5ffaa dhufu keessatti hirmaannaa siyaasaa dubartootaa giddisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hirmaannaa dubartoonni paartilee siyaasaa keessatti qabanii fi sanadoota sirna koorniyaa paartilee siyaasaa ilaalchisee qorannoo gaggeesseera.
Hirmaannaan dubartoonni siyaasa keessatti qaban gadi aanaa ta’uu qorannoon gaggeeffame ni agarsiisa jedhan itti aanaa walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa obbo Wubsheet Ayyalaan ibsaniiru.
Qorannichaan paartileen siyaasaa 70 hammatamaniiru jedhan.
Paartilee kanneen keessa hirmaannaa koorniyaa fooyya’aa kan qaban paartilee 6 qofa ta’uu ibsameera.
Paartilee Siyaasaa qorannoon hammataman keessaa kanneen dubartoota caasaa paartichaa keessa galchan 21 qofa ta’uu himameera.
Waliigala gala % 90 sirna koorniyaa kanneen hin kabajne ta’uu ibsameera.
Waldaaleen siivilii dhimma kana hubachuun hirmaannaa dubartootaa siyaasa keessatti dabaluu fi lakkoofsa hoggantoota dubartootaa paartilee siyaasaa keessatti qaban guddisuuf akka hojjetan obbo Wubsheet yaadachiisaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.