Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa qajeelfamni lakk. 7/2013 keyyanni 16(2) akka haqamu murteesse

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaaleessa filannoo waliigalaa marsaa 6ffaaf galmee kaadhimamtootaa raawwachaa jiraachu ibsameera.
Adeemsa galmee kaadhimamtootaa qorachuun akkasumas iyaannoo paartiilee siyaasaa irraa dhihaatu hubachuun rakkoolee muudatan hiikuuf hojjachaa jira.
Haaluma kanaan bu’uura labsii lakk. 1162/2011 akkasumas galmee dorgoomtoota kaadhimatootaa deeggarsa mallattoo waliittiqabu fi qajeelfama filachuu mallattoo adda baasuu lakk. 7/2013 keeyyata 16(1) jalatti hojjattoonni mootummaa hojii isaani osoo hin lakkisin kadhimummaan dorgomuu akka danda’aan tumameera.
Akkasumas erga kaadhimamani booda wayita filannoo mindaan alatti hayyama akka argatan mirgi seeraan kennameefi jira.
Boordichi wayita galmee kaadhimamtootaa raawwataa jirutti qajeelfama lakk. 7/2013 Keeyyata 16(2) walitti qabu fi adda baasu mallatto deeggarsaa galme dorgomtoota kadhimamtootaa jala jiru hiikkaa dabsani fudhachuun naannooleen filanno garagaraa kaadhimatootaa hojjattoota mootummaa sanada mindaa malee itti fudhatan akka dhiheessan gaafatamuusaani hubateera.
Haaluma kanaan Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een rakko mudate kana hiikuuf qajeelfamni lakk. 7/2013 keyyanni 16(2) akka haqamu kan murteesse yoo tahu, kanaan walqabate kadhimaamaan galmaa’uuf dhufu sanadni heyyama mindaa malee jedhu akka isa hin barbaachisne beekame qaawwa hojiimaataa kana cufuuf raawwachiistoota Waajjira Naannoo Filannoof ergaan kun akka darbu boordichii kan taasisu tahuu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.