Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beekkamtii seeraa ABUT haquu beeksiise

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC ) –Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa galmee paartilee siyaasaarratti murtoo dabarseen beekkamtii seeraa ABUT haquu beeksiise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiya bu’uura labsii filannoo fi paartilee siyaasaa lakkoofsa 1162/2011 paartileen ulaagaa guutuu fi dhabuu isaan hordofaa turuu ibseera.

Boordichi kana dura paartilee ulaagaa guutanii fi guutuuf adeemsarra jiran maqaa isaanii tarreessuun kan yaadatamuudha.

Akkasumas paartilee kana dura murtoo hin argannee fi dhimmoota gaafatamanirratti deebii laatan ilaalchisee boordichi har’a murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan Adda Bilisa Baasaa UmmataTigraay (ABUT) fi Paartii Qinijiit Tokkummaa fi Demookraasii dabalatee paartilee ulaagaa hin guunne beekkamtii seeraa isaanii haquu beeksiseera.

Boordichi paartileen siyaasaa 52 ulaagaalee barbaachisu guutuun filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaaf irratti hirmaachuuf darbuu isaanii ibseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.