Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 30.4 argate

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 30.4 argate.

Boordichi deeggarsicha kan argate Dhaabbata Deeggarsaa Ameerikaa(USAID) irraayi.

Waliigaltee deeggarsichaas walitti qabduun boordichaa aadde Birtukaan Miidhagsaa fi Ityoophiyaatti daayreektarri dhaabbatichaa Siin Joons mallatteessaniiru.

Deeggarsichi filannoon gaggeeffamu amanamaa, demokraatawa, haqaqabeessa ta’ee akka gaggeeffamu tumsuuf oola.

Deeggarsichi hojiilee boordichaa eegalaman tumsuuf ni oola; deeggarsi dabalataas ni barbaachisa jedhan aadde Birtukaan.

Deeggarsi dabalataa kan taasifamu ta’uu daayreektarri dhaabbatichaa ibsaniiru.

Mahaammad Aliitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.