Fana: At a Speed of Life!

Boordiin filannoo biyyoolessaa ibsa late

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)-Boordiin Filannoo Byyoolessaa Ityoophiyaa ibsa laateera.

Ibsicha kan laatan hoggantuu kominikeeshiii boordicha aadde Sooliyaanaa Shimallisiidha.

Ibsichaan saamsaa meeshalee  fi raabsaa ilaalchisee naannole filannoo Oromiyaaf 118, Dirree Dawaaf, Affaar 25, Beenishaanguul Gumuuz 7, Gaambeellaa 14 meeshaaleen saamsamuun har’a dabalatee raabsaan eegaluu himaniiru.

Naannoo Amaaraaf 1/3ffaan kan raabsamee yoo ta’u, guyyoota itti aanaan kan xumuramuu ta’uu himaniiru.

Finfinneettis guyyoota dhumaattii kan raabsamaan ta’uu aadde Sooliyaanaan ibsaniiru.

Filannoo fi sagalee lakkaa’uuf kan oolaan iddoowwan mijaataan akka qophaa’aan boordichii gaaffii dhiyeessuu ibseera.

Iddoocha mijeessuufis hojjetama jiraachuu aadde Sooliyaanaan himaniiru.

Naannoolee fi maagaaloota baadiyyaaf hubannoo barnootaa filannoo laachuu hojjechaa akka jiruu fi boordichii hojiiwwan qaama miidhamtoota ilaallataan raawwachaa akka jirus kasaniiru.

Har’arra eegalee miidiyaalee hawaasaan darbe darbe duullii nu filadhaa gaggeeffamuu fudhatamaa waan hin qabnee dhaabbachuu qaba jechuun ibsaniiru.

Fireewoot Saffii fi Afawarq Iyaayyuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.