Fana: At a Speed of Life!

Boordiin sakattoo deeggarsa yaalaa Hospitaala Izzii Lixaatti miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiifamu daawwateera

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) –Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa deeggarsa yaalaa Hospitaala Izzii Lixaatti miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiifamu ilaaleera.
Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa daawwannaa tibbana Lixa Tigraayii fi naannoo Amaaraatti taasiisaa ture marsaa duraa wayita xumuuru deeggarsa yaalaa Hospitaala Izzii Lixaatti miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiifamu ilaaleera.
Boordiin sakattoo kun magaalaa Bahaar Daar Hospitaala Izzii Lixaatti deeggarsa yaalaa miseensota raayyaa Ittisa biyyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti miidhamniif taasiifamaa jiru daawwateera.
Tajaajila yaalaa ariifachiisaa fi kunuunsa gaarii yaallamtoota kanneeniif taasiifameen miseensonni Raayyaa Ittisaa dandamachaa jiraachuu miseensoonni Boordii sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa ibsaniiru.
Boordiin Sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa daawwannaa marsaa jalqabaa taasiise ilaalchisee gabaasa guutuu yeroo dhiyootti ni dhiyeessa jedhamee eeggama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.