Fana: At a Speed of Life!

Booyiing kaasaa miidhamtootaaf kaffaluuf waadaa galee doolaara miiliyoona 500 kaffaluu eegale

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Kaampaaniin Booyiing kaasaa miidhamtootaaf kaffaluuf waadaa galee doolaala miiliyoona 500 kaffaluu eegaleera.

Kaampaaniin Booyiing balaa xiyyaaronni inni oomishee bara 2018 Indooneezhiyaatti bara 2019 immoo Ityoophiyaatti qaqabsiiseen maatii namoota miidhaan irra gaheef kaasaa doolaraa miiliyoona 500 kanffaluuf waadaa galee ture kaffaluu eegaluun himame.

Balaa Xiyyaaraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2019 Xiyyaaraa buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa ka’ee gara Keeniyaa Naayiroobiitti imalaa ture irra gaheen lubbuun namoota 157 kan darbe yoo ta’u isaan keessaa 32 kan ta’an lammiilee Keeniyaa turan.

Maatiin miidhamtoota himannaa kaampaanii Booyiing irratti banan waan adda kutaniif kaampaanichi maatii miidhamtoota kanaaf gafaa Kamisaa fi Jimaata darbee tokkon tokkon isaaniif kaasaa gara lakkoofsa baankii isaaniitti galcheera jedhameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.