Fana: At a Speed of Life!

Boqonnaa qabsoo Oromoo fi tarkaanfii jijjiirramarratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 10, 2013 (FBC) – Boqonnaa qabsoo Oromoo fi Tarkaanfii jijjiirramarratti Waajjirri Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waltajjii marii idilee gaggeessaa jira.

Waajjiri Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waltajjii marii idilee mataa dureewwan adda addaa irratti xiyyeeffatu gaggeessuu eegaleera.

Waltajjiin marii jalqabaa mata duree “Boqonnaa Qabsoo Oromoo fi Tarkaanfii Jijjiiramaa“ jedhuun eegalameera.

Ga’ee guddaa Uuumatni Oromoo ijaarsa biyyaa, birmadummaa biyyaa kabachiisuu, mootummaa ammayya’aa ijaaru keessati taphachaa turee fi Adeemsa qabsoo Oromoo jalqabaa hanga ammaa jiru keessatti jabinoota fi ciminoota turanirratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu himameera.

Riifoormiin gurguddaan jaarmiyaalee diimookiraasii akka Boordii Filanoo Biyyoolessaa, Komiishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa fi Jaarmiyaalee nageenyaa keessatti gurguddaan geggeeffamu maricha keessatti ka’eera.

Aadaa marii fi wal dhageeffachuu daraan cimsuu, Dudhaalee obbolummaa, walii-dhiisuu fi waloomaa dagaagsuun barbaachisaa ta’uu himameera.

Akka waajjirri Dhimmoota Kominiikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa beeksiiseetti Waltajjiin marii kun mata dureewwan siyaasa, hawaasummaa fi diinagdee uummata Oromoo irratti xiyyeeffatan mariidhaaf kan dhiyaatan ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.