Fana: At a Speed of Life!

Braaziliitti lakkoofsi namoota Covid- 19 du’anii kan Xaaliyaanii caale

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) –Lakkoofsi namoota Braaziliitti dhibee Covid- 19 du’anii kan Xaaliyaanii caaluu himame.
 
Guyyaa kaleessaa qofa biyyattiitti namoonni kumn 1 fi 473 du’aniiru.
 
Guyyoota sadan darbanii eegalee hammi namoota dhibichaan du’anii daraan dabaleera jedhame.
 
Waliigala namoonni kumni 34 weerara kanaan du’uu isaanii ibsameera.
 
Biyyattiitti namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 80 ol ammoo dhibee kanaan qabamaniiru.
 
Mootummaan Braaziliin ragaalee vaayrasichaan walqabatan yeroo isaa eegee baasaa hin jiru jedhame.
 
Preezdaantiin biyyattii Bolsoonaaroon dhimma vaayrasichan walqabatanirratti yaada laachuurraa of qusataniiru jedhame.
 
Weerara kanaan namoonni hedduun ammaan booda lubbuun darbuu akka danda’an fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Addunyaarratti hanga guyyaa kanaatti namoota miiliyoona 6 fi kuma dhibba 7 fi kuma 5f 320 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 93 fi 264 lubbuu dhabaniiru.
 
Maddi:- BBC fi Worldometer
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.