Fana: At a Speed of Life!

Bu’aaleen gogaa fi kal’ee qaraxarraa walaba gurguraman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jira-Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Daandii Qilleensaa Ityoophiyaatti bu’aaleen gogaa fi kal’ee qaraxarraa walaba gurguraman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu Ministeerri Indaastirii ibse.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allibal, Hoji Gaggeessaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfiin Xaasawu waliin, sochii giddugala gurgurtaa bu’aalee gogaa fi kal’ee qaraxarraa walabaa gurguramanii fi kallattiilee fuulduraarratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, raawwii giddugalichaa, beeksisa oomishaalee gogaa, qulqullina oomishaa fi waliingahiinsaa babal’isuu, oomishaalee biyyaa alaarraa galfaman oomishaalee biyya keessaan bakka buusuu fi galii sharafa alaa dabaluu irratti mari’ataniiru.

Giddugalli daldalaa walabaa bu’aalee gogaa fi kal’ee erga hojii eegalee qulqullina oomishaa, guddina galii, gabaa babal’isuu fi carraa hojii gama uumuutiin gumaacha taasisuun bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu Obbo Malaakuun himaniiru.

Akka biyyaatti indaastirii gogaarratti qormaata mudachaa jirurraa baraaruuf hojiilee hojjetaman keessaa giddugalaa gurgurtaa gara hojiitti galchuun tokko ta’u kaasaanii, sadarkaa dhaabbataattis deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa jajjabeessaa argame hordofee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun damecharraatti, oomishtoota xixiqqaa fi giddugaleessaa damecharratti bobba’aniif bakki oomishaa dabalataan mijeeffamuu himaniiru.

Bu’aalee gogaa fi kal’eetti dabalatan oomishalee indaastiriiwwan biyya keessaa gabaa idil addunyaatti akka dhiyaatan taasisuuf daandii qilleensichaa waliin waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.