Fana: At a Speed of Life!

Bu’aaleen teeknooloojii dargaggoo Naa’ool Dhaabaan hojjetaman ifooman

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Bu’aaleen teeknooloojii dargaggoo Naa’ool Dhaabaan hojjetaman ifooman.
 
Dargaggoo Naa’ol Dhaabaan diroonii 2 fi safartuu ho’ina qaamaa dhibee vaayrasii koroonaa adda baasuuf gargaaru ifoomsera.
 
Diroononni hojjetaman qonnaa fi koominikeeshiniif kan oolan yoo ta’u, safartuun ho’ina qaamaas tuttuqqii harkaarraa bilisa jedhameera.
 
Diroononni hojjetaman qoricha farra aramaa hanga liitira 10 baachuun, si’a tokkotti qonna heektaara 65 biifuu fi fageenyarraa hawaasaf ergaa dabarsuuf oolu.
 
Dhawaata liitira 500 akka baatutti hojjechuun kan danda’amu ta’uu dargaggoo Naa’ol beeksiseera.
 
Daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Siiviil Aaviyeeshinii Ityoophiyaa Koloneel Wasanyeellah Huunanyaaw hanga ammaatti damee dirooniif eeyyamni laatamaa akka hin turin ibsanii, kana booda garuu ulaagaa guunnan eeyyamni kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.