Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan filannoo beekkamtii Boordii Filannoon ala miidiyaalee hawaasaan tamsaafamaa jiran yakka-Aadde Soliyaanaa

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC)- Bu’aan filannoo beekkamtii Boordii Filannoon ala miidiyaalee hawaasaan tamsaafamaa jiran yakka ta’uu itti gaafatamtuun komnikeeshinii Aadde Soliyaanaa Shimmalis himaniiru.

Aadde Sooliyaan ibsa miidiyaleef lataaniin rakkoo nageenyaa malee filannoon akka karoorfametti gaggeeffameeraa jedhaniru.

Kaleessa galgala iddoowwan sagalee kennuun sa’aatiinsa dheerate hanga halkan keessa sa’aa torbaatti itti fufee xumurameera.

Ammallee naannoo Gambeellaa fi Sidaamaatti sagaleen kennamu itti fufeera jedhan.

Nannoo lamaanittuu sagaleen har’a lakkaawwiin ni eegalas jedhan.

Nannooleen filannoo hedduun lakkoofsa sagalee xumuraniiru.

Baadiyyaa dabalatee iddoowwan muraasa rakkoo loojistiikii jiruu ala Magaalota keessatti bu’aan lakkaawwii walitti qabamaa jiraachullee himan.

Naannoo Oromiyaa buufata filannoo tokkotti filannoo adda citee kan ture, rakkoon bakka sanaa adda bahee sagalee kennuun akka xumuramu murtee boordiin kennuu booda kan beeksifamu ta’a jedhan.

Naannoo Beenishaangul Gumzitti buufataaleen filannoo cufamaniiru odeeffannoon jedhu soba ta’uufi rakkoon koodii waan mudateef yeroof tursiifameera jedhan.

Kanaaf tarkaanfiin itti aanu maal akka ta’e boordichi ni beeksisa jedhan.

Bu’aan filannoo naannootti walitti qabamu gara giddu galeessaatti ni geejjibsiifama. Qaamoleen nageenyaa qindaa’uun ni geejjibsiisus jedhan.

Naannoleen filannoo guyyaa shan keessatti sagalee walitti qaban dhiyeessuu akka qabanis himan.

Firiin waliigalaa guyyaa kudhan keessatti kan ibsamu ta’uus dubbatan.

Kanaa ala bu’aan filannoo beekkamtii Boordii Filannoo Biyyaalessaan ala miidiyaalee hawaasaan tamsaafamaa jiran yakka jedhan.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.