Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti jiraattoota 1000f dhiyeessiin nyaataa baatii sadiif turu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidataa fi Addis Katamaatti jiraattoota 1000f dhiyeessiin nyaataa baatii sadiif turu eegalame.

Kutaa magaalaa Lidataatti naannoowwan sochiif cufaa ta’anii fi kutaa magaalaa Addis Katamaatti kan argamaan jiraattoota rakkoof saaxilaman 1000f dhiyeessiin nyaataa baatii sadiif turu eegalameera.

Dhiyeessii nyaataa kana kan deeggare Fawundeeshinii Bilgeetisidha.

Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa wayita dhiyeessii nyaataa kana eegalchiisan, namoonni vaayrasii koroonaa irratti argame dabalaa adeemuun walqabatee rakkinni uumamu baayyoota miidhuu waan danda’uuf deeggarsa mootummarra kan darbe walii waliin wal gargaaruu yeroo barbaachisurra geenyeerra jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.