Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Shaashamanneetti waltajjiin marii qaamoolee hawaasaa garaagaraa waliin taasifame

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Shaashamanneetti waltajjiin marii mata duree “Sabdaneessummaa obbolummaa” jedhuun gaggeeffameera.

Waltajjii marii magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Sadarkaa Itti aanaa pireezidaantiitti Qindeessaan kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiiim Muluu fi Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti qindoominni mootummaafi ummataa murteessaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa ibsaniiru.

Mootummaan akka biyyaatti qormaatilee nam-tolcheefi uumamaa hedduu keessa dhaabbateee jijjiirama ajaa’ibsiisaa galmeessuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonni, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa akkasumas hawaasni bal’aan jijjiirama naannoofi akka biyyaatti dhufe aarsaa guddaa kaffalaniin sadarkaa ammarra jiruun ga’uu Sadarkaa Itti aanaa pireezidaantiitti Qindeessaan kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluun ibsaniiru.

Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaasatara Misooma Magaalaa obbo Masfin Malaakuun durfamus Ummata Magaalaa Shaashamannee waliin mar’ateera.

Oromiyaa iddoo garagaraatitti sababa nageenyaan miidhaan lubbuufi qabeenyaa ummatarraa ga’uu obbo Masfin Malaakuun ibsaniiru..

Mootummaan rakkoolee kanneen furuuf nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamolee farreen nageenyaa irratti tarkaanfii hadhaawaa fudhachaa jiraachuus himaniiru.

Sadarkaa Ministeeratti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Diimokraasii obbo Abrahaam Alalinyi, gama isaaniin yeroo ammaa gama hundaan jijjiiramni hedduun dhufaa jiraachuu eeruu ragaan waajjira Kominikeeshiinii magaloota kanneenirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.