Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Joo Baayidaan Filisxeemootaaf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 35 laachufi

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan deeggarsa Filisxeemootaa addaan cite ture itti fufsiisuuf Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 35 akka laatuu beeksisee.

Deeggarsi ammaan doolaarrii miiliyoonni 75 Baankii Weest Gaazaa Sirxiin kan taasifamuu deeggarsa misoomaa diinagdeen kan haammatamee ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii  Bliinkaan himaniiru.

Kanarra darbees Ameerikaatti gama dhaabbataa deeggartootaa idil addunyaan ijaarsa nageenyaaf kan ooluu deeggarsi doolaraa Ameerikaa miiliyoonni 10 kan taasifamuu yoo ta’u, deeggarsa nageenyaa fi tasgabbii ammooo Waashiingitan ni taasifti jedhameera.

Deeggarsicha Baankiin Westii Ameerikaa Gaazaa Siirx weerara vaayrasii koroonaa fi wabii nyaataan walqabsiisee baatii darbee taasiseen doolarrii miiliyoonni 15 dabatalaan taasisuu ta’uu ibseera.

Deeggarsa karoorfamee keessaa 2/3 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti eejaansii baqattootaa Filisxeemiif kan laatamuu ta’uu ibsameera.

Eejansichi bara Faranjootaa 2018 Ameerikaatti deeggarsa doolaraa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyooba 60 erga addaan citeettii hanqinni maallaqaa olaanaa mudateera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.