Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi kutaa magaalaa Yakkaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun lammiilee aanaa 14f deeggarsa laate

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti bulchiinsi kutaa magaalaa Yakkaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun lammiilee aanaa 14f deeggarsa laate.
Kutaan magaalichaa namoota kuma 2 fi 800 galii gadi’aanaa qabaniif oomishaalee nyaataa Birrii miiliyoona 2 fi kuma 700 olii deeggarsaan laatera.
Itti aanaan hoji raawwachisaa kutaa magaalichaa obbo Asfaaw Laggasaan deeggarsichi lammiilee harka qalleeyyii utubuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Gorsaa olaanaan koominikeeshinii ummataa kaantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Maashoo Olaanaan ayyaana Irreechaa bara darbee saboonni fi sablammoonni 30 ol ta’an Oromoo waliin kabajuu ibsaniiru.
Kan baranaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ilaalcha keessa galchuudhan akkaataa kallattii abbootii Gadaatin namoota muraasan kabajama jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.