Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaaf badhaasaa jajjabeessituu laate

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaa 33ffaaf darbeef badhaasaa jajjabeessituu laateera.
Bulchiinsi magaalichaa Waaliyaanoota birrii miiliyoona 5.6 badhaaseera.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa gamtaan hojjetee bu’aan argamsiise daraan gammachiisaa fi kan dinqisiifamu ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Aadaanachi Abeebee ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaaf badhaasaa jajjabeessituu laate.
Tokkoon tokkoo Koree hojii raawwachiiftuuf birrii kuma 40, Preezdaantii Federeeshiinii Kubbaa Miilaa Isaayyaas Jiraaf birrii kuma 90, Leenjisaa garichaa Wubatuu Abaateef birrii kuma dhibba 2, tokkoon tokkoo taphaattootaaf birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50, tokkoon tokkoo taphattoota eeggatummaan hirmaatan kuma dhibba1 badhaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.