Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee tola ooltootaaf kennaa Ayyaana Iid Al Faxirii laate

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhaabbata Deeggarsa Maanguddootaa Maqdooniyaa fi Tola Ooltummaa Baabuul Zhiyiriif Horii qalmaa ayyaana Iid Al Faxirii gumaacheera.
Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ayyaana Iid Al Faxirii sababeeffachuun kennaa bulchiinsi magaalichaa ayyaana Iid Al Faxirii yeroo 1442ffaaf kabajamuuf qopheesse gumaachaniiru.
Aadde Adaanach imalli tokkummaa keenyaa cimee itti fufa jedhan.
Tokkummaan dhimma guyyaa tokkoo qofa osoo hin taane dhimma eenyummaa Ityoophiyummaati jedhaniiru.
Aadde Adaanach wayituma kana ergaa baga geessanii ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa hawaasa Musiliimaa fi Ummata biyyattii maraaf dabarsaniiru.
Sagantaan Afxirii guyyaa kaleessaa daandirratti gaggeeffame adda kan ta’e, tokkummaa kan cimsee fi duudhaa gargaarsaa Ityoophiyummaa diinootaatti kan muul’isa ta’uu dubbachuu isaanii ragaan waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.