Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa giddugala nyaataa 3ffaa hojii eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee giddugala nyaataa 3ffaa ‘Tasfaa Birihaan’ kutaa magaalaa Addis Katamaatti hojii eegalchiiseera.
Sirna hojii eegalchiisuu giddugalcharratti itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee bakka buutoonni garee Invastimantii Midrookii fi Baankii Daashin argamaniiru.
Giddugalichi giddugala nyaataa ta’uurra darbee yeroo itti aanu giddugala leenjii ogummaa garaagaraa akka ta’u ni hojjetama jedhan aadde Adaanach haasawa sirnicharratti taasiisaniin.
Giddugalichi lammiilee kuma 2 ta’aniif guyyaatti yeroo tokko tajaajila nyaataa kan laatu ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa waliin ta’uun kutaalee magaalaa 5 keessatti giddugala nyaataa ‘Tasfaa Birihaan’ eegalchiisuuf karoorfachuun isaa kan yaadatamuudha.
Haaluma karooraan marsaan jalqabaa fi 2ffaan kutaalee magaalaa Araadaa fi Booleetti hojii eegalaniiru.
Guyyaa har’aas qindoomina Baankii Daashinii fi Gruuppii Invastimantii Midrookiin kan ijaarrame giddugalli 3ffaan kutaa magaalaa Addis Katamaatti hojii eegaleera.
Tizzitaa Dassaaleenyitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.