Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa halluu Gamoowwanii ilaalchisee ibsa laate

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee halluu Gamoowwanii ilaalchisee ibsa laateera.
Bulchiinsi magaalichaa Finfinneen akka maqaa ishee miidhagduu fi hawwatummaa sadarkaa idil addunyaa madaalu akka qabaattu hojiilee hojjetu keessaa tokko halluuwwan Gamoo fi dhaabbii isaanii murteessuu ta’uu ibseera.
Halluu gamoolee magaalichaa to’achuu fi walfakkeessurratti hanqinni jiraachuun haalli itti dibamanis magaalattiin bifa adda addaa akka qabaattu taasiisurraa darbee gamooleen ijaarraman dizzaayiniin isaanii akka feeteen hojjetamuu isaan hawwatummaa ishee daraan miidhuu ibseera.
Rakkoolee kanneen furuuf bulchiinsi magaalichaa muuxxannoo magaalota idil addunyaa fudhachuun halluu magaalattiif ni mijata jedhame sadarkaan mariif dhiyeesseera.
Ogeeyyiin damichaa qorannoo taasiisuun halluuwwan magaalichaaf ni mijatu jedhan akaakuu 13 adda baasuu isaanii himeera.
Abbootiin qabeenyaa halluuwwan adda ba’an kanneen keessaa filachuun fayyadamuu akka danda’an ibsameera.
Yaadni kun sadarkaa yaalitti kutaalee magaalaa muraasa keessatti gara hojiitti galuu isaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.