Fana: At a Speed of Life!

Buna konteenaraan saamsanii erguun milkaa’inni mul’ate midhaan zayitaa fi dheedhiirrattis dabalamuu qaba- Aadde Daagmaawit Magos

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Buna konteenaraan saamsanii erguun milkaa’inni mul’ate midhaan zayitaa fi dheedhiirrattis dabalamuu akka qabu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojastiksii Aadde Daagmaawit Magos hubachiisan.
Yaa’iin Mana Maree Loojastiksii Biyyaalessaa 10ffaan raawwii karooraa baatiiwwan 9 gamaaggameera.
Baatiiwwan darbanitti itti fayyadamni buufataalee doonii fi hojiin konteenaraan saamsuu bu’aa olaanaa galmeessuu ibsameera.
Kooriidara Moombaasaa/Mooyaalee barana hojiitti seenuu fi Buufatni Doonii Taajuuraa tajaajila eegaluun filannoo buufataa doonii Ityoophiyaa bal’isuun eerameera.
Kanaanis yeroo fi baasiin loojastiksii hir’ataa dhufuun ibsameera.
Qindeessaan Waajjira Ce’umsa Loojastiksii Obbo Iwunatuu Taayyee, kaawunsiliin biyyaalessaa dhiibbaa uumuudhaan filannoowwan buufataalee doonii hojiirraa oolchuun milkaa’ina galmaa’e keessa tokko ta’uu dubbataniiru.
Meeshaalee galii fi ba’ii baaburaan geejjibsiisuun, shaqaxaalee konteenaraan saamsanii erguu fi raawwiiwwan birootiin baatiiwan 9 keessatti baasii Birrii biiliyoona 2.32 oolchuun danda’amuu himaniiru.
Kanaan duraa haala gurmaa’een kan geejjibsiifamaa hinturre buna, biyya keessatti konteenaraan saamsuun gara buufataa dooniitti geejjibsiisuun eegalamuu himaniiru.
Kananais bunni %97.70 konteenaraan saamsamee ergamuu kaasaniiru.
Ministirri Ministeera Geejibaafi Loojastiksii fi Walitti Qabduun Mana Maree Loojastiksii Biyyaalessaa Aadde Daagimaawit Magos akka jedhanitti, milkaa’inni buna konteenaraan saamsanii erguurratti mul’ate oomishaalee midhaan zayitaa fi dheedhiirratti hojiirraa ooluu akka qabu hubachiisaniiru.
Kana milkeessuufis miseensonni mana marichaa xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban kallattii kennuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.