Fana: At a Speed of Life!

Bunaa, Shayii fi Mi’eessituurraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 70 argame Finfinnee, Fulbaana

12 , 2013 (FBC) – Bara baajataa darbetti oomishaalee Bunaa, Shayii fi Mi’eessituurraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 70 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Ityoophiyaa beeksise.
Qonnaan bultoonni 500 buna kallattiin alatti erguuf eeyyama fudhachuus ibsameera.
Bara baajataa 2012 Buna gabaa alaaf dhiyaate toonii kuma dhibba 2 fi kuma 70 fi 835 irraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 54 argamuu itti aanaan daayreektara fi itti gaafatamaan damee gurgurtaa Abbaa Taayitichaa obbo Shaafii Umar ibsaniiru.
Galiin bara kana argame kan bara 2011 yoo madaalle Doolaara miiliyoona 91 caalmaa qaba jedhaniiru. Bara baajataa 2013tti buna Toonii kuma dhibbi 3 fi kuma 12 gabaa alaaf dhiyeessuun galii Doolaraa biiliyoona 1.1 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Mi’eessituuwwan toonii kuma 12 gara alaatti erguun Doolaarri miiliyoonni 16 argamus ibsameera.
Maddi:-TOI Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.