Fana: At a Speed of Life!

Buufanni konkolaataa qindaa’aa Magaalaa Roobee baatiwwan 10 booda tajaajila kennuu eegaluufi

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Buufanni konkolaataa qindaa’aa magaalaa Roobee Birrii miliyoona dhibba 2 miiliyoona 96 oliin ijaarame Adoolessa 5, 2013 eebbifamuun isaa ni yaadatama.

Abbaan Tayitaa Geejjiba Oromiyaa, Tajaajila geejjibaa ammayyaa’aa, si’ataa fi qaqqabamaa taasisuu fi riifoormii geejjibaa lafa qabsiisuuf hojiilee ijaarsa buufata konkolaataa qindaa’aa 11 Birrii biiliyoona 1.6 oliin magaalota Oromiyaa garagaraa keessatti ijaarsisaa tureera.

Kanneen keessaa proojektiin buufata qindaa’aa konkolaataa magaalaa Roobee Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 96 oliin  ijaarame tajaajila kennuu eegaluufi.

Buufanni konkolaataa qindaa’aan magaalaa Roobee al tokkotti konkolaattota 200 keessummeessa jedhameera.

Tajaajila biiroolee, galma waltajjii adda addaa, tajaajila baankii, teelee, kaaffee, suuqii, tajaajila bakka dhaabbii konkolaataa, iddoo boqonnaa imaltootaa, suphaa konkolaataa fi tajaajila konkolaataa dhiquu akka kennutti ijaarame jedhameera.

Proojektiin kun namoota kuma 2’f carraa hojii uumuu ibsameera.

Haa ta’u malee projektichi sababa rakkoo humna ibsaa fi bishaanii gahaa argachuu dhabuutiin baatiwwan kurnan darbaniif tajaajila malee turuusaatiin wal qabatee hawaasni magaalichaa carraa argameen hooggansa magaalichaa fi qaamota dhimmi ilaallatu hundatti himachaa turaniiru.

Hoggansi magaalichaas qaama dhimmi ilaallatu hanga sadarkaa Biiroo Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaatti ol beeksisuun yeroo ammaa rakkoo kanaaf furmaanni waaraan argamuu isaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu Mootummaa himaniiru.

Buufanni kun guyyaa boruu jechuunis Caamsaa 13, 2014 irraa eegalee guutumaan guututti tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu ragaan Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Roobee gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.