Fana: At a Speed of Life!

Buufanni madda anniisaa Awaash 3ffaan gariin taajajila laachuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Sababa balaa lolaa lagaa Awaashiin yeroof tajaajila dhaabee kan ture buufanni madda anniisaa Awaash 3ffaan gariin taajajila laachuu eegalu Humni Elektirika Ityoophiyaa beeksise.

Buufanni madda Humna Elektirikaa Awaash 3ffaan Humna Elektirikii Meegaa Waatii 32 maddisiisu danda’uu kun sababa balaa lolaatin baatii Hagayyaa 23, 2012 irraa eegalee yeroo murta’eef tajaajila dhaabee tureera.

Yeroo amma kana buufatichi gariin tajaajila laachuu kan eegalee yoo ta’uu, kan hafaanis hojii eegalchisuuf hojjetama jiraachuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.