Fana: At a Speed of Life!

Sababa rakkoo nageenyaatiin bufataalee filannoo kuma 4fi 126 irratti galmeen filattootaa kan hin raawwatamne ta’uu Boordichi beeksiise

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Buufataalee filannoo kuma 50tti hiiqanitti filattoota galmeessuuf karoorfamus hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 25fi 151 qofarratti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.

Sababa rakkoo nageenyaatiin bufataalee filannoo kuma 4fi 126 irratti galmeen filattootaa kan hin raawwatamne ta’uu Boordichi beeksiiseera.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti paartilee Siyaasaa morkatan waliin adeemsa galmee filattotaafi rakkolee muudatan irratti mari’ateera.

Naannolee filannoo 674 keessatti buufataalee filannoo kuma 50tti hiiqan irratti filattootaa galmeessuuf karoorfamus hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 25fi 151 qofarratti galmeen filattotaa gaggeeffamaa jiraachuu Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessa Birtukaan Midhagsaan himaniiru.

Rakkoon nageenyaafi hanqinni geejibaa galmee filattotaa irratti dhiibbaa uumuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti magaalaa Finfinneetti filattoonni kumni dhibbi
2 fi 903 galmaa’aniiru jedhame.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.