Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaa dorgommii Maaykiroo Faaynaansii Awrooppaa Doolaara kuma dhibba 1 fi kuma 18f kaadhimame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Buusaa Gonofaa dorgommii Maaykiroo Faaynaansii Awrooppaa Doolaara kuma dhibba 1 fi kuma 18f kaadhimame.

Buusaa Gonofaa, Baankiin Muktiinaat Biikaas Neeppaal, Reenaakaa Beeniin dorgommii dhumaa kanaaf filatamaniiru.

Dorgommichi kan damee qusannaa hundagaleessaa fi bu’a qabeessummaa yoo ta’u, Doolaara kuma dhibba 1 fi kuma 18 argamsiisa.

Koreen Maaykiroo Faaynaansii Awrooppaa dhaabbilee sadan kanneen kan filate yoo ta’u, badhaasni laatamu damicha jajjabeessuuf oola jedhameera.

Maaykiroo Faaynaansiin Awrooppaa dhaabbileen sadan tajaajilli laatan mijataa, fedhii hawaasaa jiddugaleessa godhate, maamilaaf tajaajila itti quufinsa qabu, tajaajila liqii fi qusannaa qaqqabama qabu, liqaan kaffalamu madaalawaa ta’uu fi bu’a qabeessummaan isaas madaalameera jedheera.

Dhaabbileen maaykiroo faaynaansii akkanaa yeroo weerarri vaayrasii koroonaa diinagdee miidhe kanatti utubaa jireenyaa hawaasaa ta’aniiru jedheera.

Miiliyoononni hiyyummaa hamaa keessatti akka hin kufnes ga’ee dansaa gumaachaniiru jedhe.

Injifataan dorgommichaa torbee maaykiroo faaynaansii Awrooppaa Sadaasa keessa gaggeeffamurratti kan ibsamu ta’a.

Saganticha kan qopheessu miseensota 130 kan qabu neetwoorkii teessoosaa Luugzambarg godhatedha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.