Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraaleen misoomaa aanaa Maqdallatti ijaarame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2012 (FBC) – Bu’uuraaleen misoomaa aanaa Maqdallatti ijaarame eebbifame.

Naannoo Amaaraa godina Kibba Walloo aanaa Maqdallaa bu’uuraaleen misoomaa ijaaraaman guyyaa har’a eebbifaman.

Sirnicharratti Itti aanaa Muummee Ministira obbo Dammaqaa Makonniin fi Preezdaanti naannoo Amaaraa obbo Tamasgan Xirunaah dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Bulchaan aanaa Maqdallaa obbo Tafarraa Mollaa akka ibsanitti bu’uuraalee misooma guyyaa har’a eebbifaamn keessaa hospitaalli sadarkaa jalqabaa Maashaa Maqdallaa fi kollejjiin leenjii oogummaa fi teekniikaa Maqdallaa ni argamu.

Riqichi laga Bashileerratti ijaarame aanoota Kibba Walloo fi Kibba Gondar walqunamsiisus eebifameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.