Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuruma gaaffii naannooleen dhiyeessaniin lammiilee lolaan buqqa’aniif deebiin kennamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Komishiniin Hoji gaggeessaa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Bu’uuruma gaaffii naannooleen dhiyeessaniin lammiilee lolaan buqqa’aniif deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu beeksise.

Komishinichi hanga ammaatti namoonni kuma 200 fi kuma 90 balaa lolaatiin qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’uu ibseera.

Komishinii Sodaa Balaa Biyyaalessatti Daayrekatarri Qunamtii Hawaasaa obbo Dabbabaa Zawdee Baatii Eebla eegalee ragaa Eejansii Metyoorooloojii Biyyaalessaa fi Abbaa Taayitaa Misooma dhangala’oo irraa argameen hojiin dursanii ofeeggannoo taasisuu hojjetamaa akka ture ibsaniiru.

Komishinichi qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun hojiin durasnii ofeeggannoo taasisuu fi balichi erga uumamee deebii laate lubbuu namaa bararuu danada’uu ibseera.

Heelikooptaraa fi doonii motaraa fayyadamuun hojiin lubbuu namaa baraaruu hojjetamaa turuu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.