Fana: At a Speed of Life!

Caalbaasiin Warshaalee Sukkaaraa 8 gara dhuunfaatti naannesuuf ba’e baatii tokkoof dheerate

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Caalbaasii Mootummaan warshaalee sukkaaraa gara dhuunfaatti naannessuuf baase baatii tokkoof dheerachuu ibsameera.

Hirmaannaa abbootiin qabeenyaa dhuunfaa diinagdee keessatti qaban guddisuuf mootummaan fooyya’iinsa garaagaraa taasisuun gara hojiitti galuu ibsameera.

Indaastirii sukkaaraa keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf damichatti fooyya’iinsa garaagaraa taasisuu Ministeerri Maallaqaa ibsa baaseen eereera.

Bifuma kanaan abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa caalbaasii warshaalee sukkaaraa gara dhuunfaatti naannessuuf ba’erratti akka hirmaataan waamicha dhiyeesseera.

Warshaaleen sukkaaraa Oomoo Kurraaz 1, Oomoo Kurraaz 2, Oomoo Kurraaz 3, Oomoo Kurraaz 5, Arjoo Dhidheessaa, Kasam, Xaanaa Balasiifi Tandaahoon caalbaasiif dhiyaachuu eerameera.

Caalbaasichi dorgomtummaafi oomishtummaa sikkaaraa guddisuun fedhii biyya keessaa guutuuf kan kaayyeffate ta’uu ministeerichi ibseera.

Kunis sharafa alaa biyyattiin bittaa sukkaaraaf baastu hambisuun, galii guddisuuf akkasumas jireenya oomishtoota shankooraa  fooyyessuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

Caalbaasichi bu’uura gaaffii abbootiin qabeenyaa idil addunyaa caalbaasicharratti hirmaachuuf fedhii qaban dhiyeessaniin dheerachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.