Fana: At a Speed of Life!

Caaseeffamni Indaastirii Ijaarsaa ida’ama qaamolee hedduuti – Injiinara Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaa hojiirra oolmaa fi uwwisa seeraa Indaastirii Ijaarsaarratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Hawaasaatti marii taasiisaa jira.
Marichi mata duree ‘Indaastirii Konistiraakshinii bu’aa qabeessa Badhaadhina Ityoophiyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Dameen Indaastirii Konistiraakshinii qabeenya guddaa, Teeknooloojii, humna namaa olaanaa fi beekkumsaa kan fayyadamu ta’uu Ministirri Ministeera Misooma magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.
Badhaadhina Ityoophiyaa milkeessuuf carraa olaanaa kan qabuudha jedhan.
Caaseeffamni Indaastirii Konistiraakshinii akkuma qaama namaa ida’ama qaamolee hedduu ta’uu ibsaniiru.
Abbaan Taayitaa to’annoo hojiilee Ijaarsaa Seektara Konistiraakshiniif to’annoo, hordoffii fi deeggarsa cimaa taasiisuu qaba jedhan.
Waltajjiin sosochii kun magaalota garaagaraa 6 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Misooma magaalaa fi Konistiraakshiniirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.