Fana: At a Speed of Life!

Caffeen labsiiwwan addaddaa raggaasise

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 5ffaatin labsiiwwan addaddaa raggaasise.

Caffeen yaa’iisaatin wixineewwan labsii addaddaarratti mari’atee raggaasiseera.

Wixinee labsii itti waamama Tumsaa Indoowumantii Misooma Oromiyaatiif murteessuuf bahe iratti mari’atee raggaasiseera.

Tumsaa Indoowumantiin dhaabbata qabeenya naannoo Oromiyaatin hundaa’e waan ta’eef, akkaataa ummanni naannichaa hojii misooma hawaasummaa fi diinagdee indoowumantichi gaggeessu irraa fayyadamaa itti ta’uu fi gama mootummaatiinis sirna ittiin hordofamuu fi to’atamuu danda’u diriirsuuf, akkasumas, kaayyoo fi ergama hundeeffameef gahumsaan raawwachuu akka danda’uuf itti waamamni isaa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Oromiyaa akka ta’uuf murtaa’era.

Labsichi lakkoofsa 225/2012 ta’ee kan hojiirra oolu murtaa’era.

Caffeen Oromiyaa, labsii zoonii diinagdee addaa Gadaa, labsii bulchiinsa hojiiwwan misooma albuudaa naannoo Oromiyaa irra deebidhaan fooyyessuuf ba’e, labsii sirna qophii wixinee seeraa mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’e irratti mari’achuudhan raggaasiseera.

Caffichi walga’iisaa kaleessa kan eegale yammuu ta’u, oolmaasaa guyyaa jalqabaa kaleessatiin gabaasa raawwii hojii raawwachiistuu mootummaa naannichaa ji’oottan jahan darbanii itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dhiyeessan irratti mari’achuudhan raggaasisuun ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.