Fana: At a Speed of Life!

Caffeen muudama addaddaa raggaasisuun yaa’iisaa xumure

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Caffeen muudama addaddaa raggaasise.
 
Haaluma kanaan:
1/ Aadde Caaltuu Saanii itti aantuu preezdaantii fi qindeessituu kilaastara diinagdee,
 
2/Obbo Fiqaaduu Tasammaa; waamamaa mootummaa,
 
3/Obbo Addisuu Araggaa; sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaa damee hawaasummaa,
 
4/Obbo Jamaal Kadir; hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Bulchiinsa Manneenii,
 
5/Obbo Geetaachaw Baalchaa; hogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii,
 
6/ Obbo Jibriil Mahaammad; hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa,
 
7/Obbo Boggaalaa Fallaqaa; hogganaa Biiroo Intarpiraayizii fi Misooma Indaastirii,
 
8/Obbo Kaasaahuun Goofee; hogganaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii,
 
9/ Obbo Daani’eel Asaffaa; Abbaa Alangee Waliigalaa,
 
10/Obbo Kabbadaa Deesisaa; hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii,
 
11/Tashoomaa Girmaa; hogganaa Koomiishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ta’uudhan muudamaniiru.
 
12/ Obbo Gazaal Abbaa Simal Abba Booraa; preezidaantii Mana Murti Waliigalaa Oromiyaa,
13/ Obbo Guyyoo Waariyoo; itti aanaa preezidaantii Mana Murti Waliigalaa Oromiyaa,
 
Abbootii seeraa aanaalee fi godinootatti tajaajilan 65f Caffeen muudama laatera.
 
Caffeen Oromiyaa yaa’iisaa idilee kaleessaa eegalee gaggeessaa tureen; labsiilee fi muudama addaddaa raggaasisuudhan har’a xumureera.
 
Raggaasaa Firoomsaa fi Adaanach Abbabaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.