Fana: At a Speed of Life!

Carraa diimookiraasii egeree biyya keenyaa murteessuuf har’a kaardii filannoo filattootaa yaa fudhannu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Carraa diimookiraasii egeree biyya keenyaa murteessuuf har’a kaardii filannoo filattootaa yaa fudhannu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy filannoon marsaa 6ffaa gaggeeffamuu torban muraasni qofati hafuu ibsaniiru.
Lammiileen mirga diimookiraasii filachuusaaniitti fayyadamuun hirmaannaa ho’aa akka taasisan ni eegama jedhan.
Heerri Mootummaa keewwatni 38 lammiileen Ityoophiyaa hundi mirga filachuu fi filatamuu akka qaban tumeera jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Carraa diimookiraasii egeree biyya keenyaa murteessuuf har’a kaardii filannoo filattootaa yaa fudhannu jechuun dhaamaniiru.
Kaardii filannoo borin fudhadha hin jedhinaa, ka’umsi borii har’a jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.