Fana: At a Speed of Life!

Carraan sagantaa ‘qusadhaa badhaafamaa’ Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa marsaa 9ffaan ba’e

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) –Carraan sagantaa ‘qusadhaa badhaafamaa’ Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa marsaa 9ffaaf qopheesse guyyaa har’aa galma Lootarii Biyyaaleessaatti ba’eera.

Carrichi bakka preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saanoo fi taajjabdoonni argamanitti ifatti ba’eera.

Carraan 1ffaan mana jireenyaa apartaamaa 2 argamsiisu lakkoofsa lootarii 0000311398898 fi 0382600157224 abbaa carraa ta’aaniiru.

Carraan 2ffaa konkolaataa fee’umsaa giddu galeessa argamsiisan ammoo 0034700387640
0000762333420 fi 0167600256722 ta’uun ba’eera.

Carraan konkolaataa manaa argamsiisan 15 fi konkolaataa abbaa miila sadii 30 argamsiisaniis ifoomeera.

Preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saanoo, baankichi sagantaa ‘qusadhaa badhaafamaa’ jedhu jalqabuun isaa aadaan quusannaa ummatichaa akka dabalu ta’uu himaniiru

Sagantaan kun fuuladuraafiis cimee kan ittifufu ta’uus dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.