Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa fi Raashiyaan shaakkala waraanaa waliinii jalqabaa eegalan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Chaayinaa fi Raashiyaan erga weerara Yuukreenii as yeroo jalqabatiif shaakkala waraanaa waliinii taasisuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Chaayinaa beeksise.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Chaayina akka eeretti, humni qilleensaa Chaayinaa fi Raashiyaa guyyaa har’aa Galaana Jaappaan, Galaana Bahaa Chaayinaa fi Garba Paasifiik irratti sakatta’aa qilleensaa irraa taasisaniiru.
Shaakkala waraanaa waliinii gaggeeffameen Raashiyaan erga Yuukreeniin weerartee yeroo jalqabaatiif shaakkala qolannaa taasifameedha jedhameera.
Biyyoonni lameen kanaan dura walakkeessa waggaa bara 2019, 2020 fi 2021tti shaakkala waraanaa qolannaa gaggeessanii turuu Rooyitarsi gabaasasaan yaadachiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.