Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa keessatti vaayrasii haaraa mul’ateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Chaayinaa keessatti vaayrasii haaraa mul’ateen lubbuun namoota 4 darbe.

Vaayrasiin ‘Koronaavaayiras’ jedhamuu yeroo jalqabaaf Chaayinaa keessatti mul’ate kun namaa namatti kan darbuu fi sirna hargansuu namaa kan hubu ta’uun himameera.

Vaayrasichaan haga ammaatti namoonni afur du’uu isaanii hoggantoonni biyyattii beeksisaniiru.

Wayita ammaa magaalota gurguddoo Chaayinaa Beejiingii fi Sheenziin keessatti namoonni 200 ol ta’an vaayrasichaan qabamuu isaanii gabaasonni garagaraa ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatun bulchiinsa Wiiyaan keessatti ogeessonni fayyaa 15 vaayrasiichaaf saaxilamaniiru.

Namoonni vaayrasiichaaf saaxilaman iddoo turti qofaatti laachufiin yaala fayyaa argataa jiraachuun himameera.

Ogeessonni fayyaa Ingiliiz akka himanitti lakkoofsi namoota vaayrasii kanaan qabamanii kan Chaayinaan ibsiteen ol ta’a jedhaniiru.

Dhibeen kun bineensota irraa kan namatti daddarbudha jechuun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.