Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa keessatti Vaayrasii haaraan Koronaa jedhamu lubbuu namoota du’anii 17 ga’e

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Chaayinaa keessatti Vaayrasii haaraan Koronaa jedhamu lubbuu namoota 17 darbuu isaa aangawoonni tajaajiila eegumsa fayyaa biyyatti beeksiseera.

Lakkofsii namoota du’anii 9 ta’uun eega ibsamee booda al tokkoon 17 ga’e jedhama.

Angawoonni akka jedhanti duutii kun kutaa Chaayinaa Hubee keessatti kan dhaqqabee yoo ta’u namoonni 600 kutaalee biyyatti 13 keessatti vaayrasii kanaan qabamuun isaanii ibsamee jira.

Vaayrasiin Chaayinaatti mul’ate caalmaatti biyyoota garagaraatti babaldhachuu akka danda’u ibsameera.

Yeroo gabaabaa keessatti vaayrasiin muldhate kun babaldhachuun lubbuu lammiilee hedduu miidhuu ni danda’a jechuun aanga’oonni biyyattii akeekkachiisaniiru.

Vaayrasichi Chaayinaan alatti biyyoota addunyaa garagaraatti ce’ee muldhachuun isaa ammoo yaaddoo biroo ta’eera jedhan.

Maddi:Rowutars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.