Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaafi Raashiyaan shaakala loltummaa waloo gaggeessuufi jedhame

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)-  Chaayinaafi Raashiyaan Shaakala loltummaa waloo gaggeessuuf ta’uu gabaafameera.

Humni Waraana Chaayinaa Shaakala loltummaa tarsiimawaa Voostook 2022 irratti kan hirmaatu ta’uu ibsameera.

Shaakkalli loltummaa kun hariiroo tarsiimawaa Beejiing Mooskoo waliin qabdu guddisuufi dandeettii yaaddoo nageenyaaf deebii laachuu ishee cimsuu kan dandeessisu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Chaayinaa beeksiseera.

Shaakalicharratti Hindi, Beelaaruus, Taajaakistaaniifi Moongooliyaanis kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Shaakalichi haala yeroo idil addunyaafi naannawaa waliin hidhata kan hin qabne ta’uu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.