Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Afrikaa Bahaatti ergaamaa addaa ni muuddi- Waangi Yii

Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Chaayinaan Afrikaa Bahaatti ergaamaa addaa kan muuddu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yiin ibsan.

Biyyattiin rakkoolee nageenyaa naannichatti uumaman furuuf yaaliiwwan taasifaman deeggaruuf ergamaa addaa kan muuddu ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa fi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yiin dhimmoota waloo fi hariiroo biyyoota biroo waliin taasisanirratti mari’ataniiru.

Anga’oonni olaanoo biyyoota lameenii dhimmoota akka haammattoowwan tumsa misoomaa, nageenyaa fi haala tatamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa ittisuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Waangi Yiin marii gitasaanii keeniyaa waliin ibsa laataniin chaayinaan Afrikaa Bahaatti rakkoolee nageenyaa naannichatti uumaman furuu fi nageenyaa fi badhaadhina waaraa mirkaneessuuf yaaliiwwan taasifaman deeggaruuf ergamaa addaa kan muuddu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- CGTN

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.