Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan biyyoonni Gaanfa Afrikaa hanqinaalee damee nageenyaa, misoomaa fi bilchiinsa qabaan furuuf qophiidha jette

Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Chaayinaan biyyoonni Gaanfa Afrikaa hanqinaalee damee nageenyaa, misoomaa fi bilchiinsa qabaan akka furamaniif tumsuuf qophii ta’uu ibseettitti.

Ministiroonni Dhimma Alaa Chaayinaa wagga waggaan biyyoota Afrikaa ni daawwatu.

Baatii amma keessaa jirruus Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu Eertiraa, Keeniyaa fi Kaameroosiin daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniitinis haala qabatamaa naannawaa Afrikaa Bahaa hordoofee ilaalchaa Chaayinaan qabdus ibsaniiru.

Naannichatti nageenyii fi misoomni akka  mirkanaa’uuf yaada qaba hubachiisuu Ityoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif erge ni eeraa.

Waang Yuu walitti bu’iinsi naannawaa Afrikaa bahaatti muudatuus yoo ittifamaan dandeetti misoomsu cimaa akka qaban himaniiru.

Uummattoonni naannawichaas walitti bu’iinsa muudataan akkuma hin barbadaannee aariitiin dhaabuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Chaayinaan nageenyii fi badhaadhinni Afrikaa Bahaa akka mirkanaa’uuf deeggarsa taasisuuf qophii ta’uushee Waang Yuun himaniiru.

Rakkoo naannichaa furuufis biyyoota naannoo gidduutti mariiwwan cimsanii itti fufuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.