Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan dippiloomaasii isheen Afrikaa waliin  tumsaan hojjechuuf dursa kan laattu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC)- Chaayinaan dippiloomaasii isheen Afrikaa waliin  tumsaan hojjechuuf dursa kan laattu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Waang Yuun ibsan.

Ministirichi kana kan jedhan Ayyaana guyyaa Afrikaa 58ffaa magaalaa Beejiing kabajamaa jirurratti.

Waang Yuun haasawaa taasisaniin, Guyyaan Afrikaa kan Afrikaa qofa osoo hin taane tokkummaa fi tumsa keenya kan itti calaqisiisnu guyyaa keenya jedhaniiru.

Chaayinaa fi Afrikaan birmadummaa, bilisummaa fi kabaja  isaaniif qabsaa’uu kaasuun, fuuldurattis wal deeggaruun faayidaa fi fedhii misooma isaanii kan guutan ta’uu eeraniiru.

Wayita vaayrasiin koroonaa sadarkaa idil addunyaatti mudatee turetti Afrikaa fi Chaayinaan weerara vaayrasichaa dandamachuuf waliin hojjechuu yaadachiisaniiru.

Dabalataanis Chaayinaan waggoottan 12’f deeggartuu daldalaa Afrikaa taatee turuu dubbataniiru.

Innisheetiiviin Beelt End Rood hariiroo Chaayinaa fi Afrikaa Cimsuu fi proojektii bu’aa qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Fuuldurattis hariiroon Chaayinaa- Afrikaa gara sadarkaa olaanaatti guddachuu akka qabuu fi tumsi isaanii dhimmoota idil addunyaarrattis calaqqisuu akka qabu ibsuu CGTN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.