Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan galma diinagdee waliigalaa bara 2020 kan hin qabanne ta’uu beeksifte

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Chaayinaan galma diinagdee waliigalaa bara 2020 kan hin qabanne ta’uu beeksifte.
Chaayinaan erga bara Faranjootaa 1990 as galma guddina diinadgeee waliigalaa osoo hin kaawwatiin baricha xumuruuf murteessuun ishee isa jalqabaati jedhame.
 
Kunis kufaatii diinagdee weerara vaayrasii koroonaan qaqqabeen kan walqabatu ta’uu ibsameera.
 
Murteen kun kan ifoome walga’ii waggaa Paarlaamaa biyyattiitti gaggeeffamaa jirurratti.
 
Muummee Ministiraa biyyattii Lii Kee Yaang sababa weerara vaayrasii koroonaan gaaga’ama diinagdee addunyaarra ga’aa jiruuf jecha dhimmoota tokko tokkorratti murteessuuf rakkachuu isaanii ibsaniiru.
 
Diinagdeen biyyattii kan bara darbee yeroo walfaakkaatuun yoo madaallame %6.8 hir’isuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.