Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan garee yaalaa vaayrasii koroonaa gara Hoongikoong ergite

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) –Chaayinaan garee yaalaa vaayrasii koroonaa gara Hoongikoong ergite.
 
Gareen yaalaa kun ogeeyyii fayyaa 60, qondaaltota fayyaa 7 hammateera.
 
Chaayinaan Hoongikoongitti weerarri vaayrasii koroonaa ega mudatee as garee yaalaa yoo ergitu kun kan jalqabaati.
 
Yaata’uutii Chaayinaan carricha siyaasaf fayyadamuu dandeessin sodaan uumameera.
 
Namoota hordofuu barbaaddu DNA isaanii fudhachuun duukaa bu’uu dandeessi yaadni jedhu ka’aa jira.
 
Mootummaan Hoongikoong garuu yaadichi dhugaarraa kan fagaate ta’uu ibseera.
 
Hoongikoongitti amma ammaatti namoonni 3,512 vaayrasichaan yoo qabaman, 37 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.