Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan hariiroo fi walta’iinsa Chaayinaa-Afrikaa caalmaan cimsuuf qophiidha-Pireezidaanti Zhi Jiinpingi

Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Chaayinaan hariiroo fi walta’iinsa Chaayinaa-Afrikaa caalmaan cimsuuf hoggantoota Afrikaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu Pireezidaantiin Chaayinaa Zhi Jiinpingi ibsan.

Pireezidaantiin Chaayinaa Zhi Jiinpiingi Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniinis waggootan darban Gamtaan Afriikaa rakkoolee addunyaarratti mudatan furuuf, ijaarsa Naannawaa Daldala Walabaa Ardii Afrikaa saffisisuu fi dhimmoota murteessoorratti gamtaan hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Dabalataanis sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa Afrikaan qabdu akka dabaluu taasisuu ibsan.

Pireezidaantiin Chaayinaa dabalataan akka eeranitti hariiroon misoomaa Chaayinaa-Afrikaa bara 2022 irraa keessee sadarkaa gaariirraa kan jiru ta’uu fi walta’iinsi Chaayina-Afrikaas damee hundaan dabaluu ibsaniiru.

Ammas michummaa fi walta’iinsaa Chaayinaa-Afrikaa caalmaan cimsuuf, dhimmoota idil addunyaa fi ardiirratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi egeree waloo Chaayinaa-Afrikaa ijaaruu fi ceesisuuf hoggantoota Afrikaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.